Negeellee Arsiitti lammiileen kumni 6 ol sagantaa wabii nyaataan fayyadamtoota ta’aniiru

Finfinnee, Bitootessa 12, 2015 (FBC)-Godina Arsii Lixaa Magaalaa Nageellee Arsiitti sagantaa wabii nyaataa fi fooyya’iinsa jireenyaan, lammiileen kumni 6 fi 500 ol fayyadamtoota ta’uun ibsame.

Sagantichaan lammiileen fayyadamtootaa ta’anis, deeggarsa kallattiin kan taasifamuu fi qulqullina magaalaa, Ashaaraa Magariisaan carraan hojii kan uumameef Hoji Gaggeessaan Magaalaa Nageellee Arsii Obbo Mohaammad Okolee ibsaniiru.

Lammiilee sagantaa kana keessatti hammataaman caalmaan fayyadamtoota taasisuuf Birriin miiliyoonni 46 ramadamu ibsaniiru.

Itti Aanaan Bulchaa Godina Arsii Lixaa Obbo Asaffaa Tolasaa, hawaasa hiyyummaa seenaa taasisu horachuu fi harka qalleeyyii deegaruun wabii nyaataa fi jireenya isaanii akka fooyyeffataniif xiyyeeffannaan hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.

Fayyadamtoonni sagantichaa FBC’f yaada kennaniin, carraa hojii argataniin of jijjiiruuf tattaafachaa jiraachuu dubbataniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment