Arsii Lixaatti Warqee kuntaalli miiliyoona 2 ol argame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti oomisha Warqee kuntaalli miiliyoona 2 fi kuma 400 ol argamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse.

Itti Gaafatamaan Waajjirichaa Dooktar Abdullaahii Beekaa, godinichatti lafa heektaara kuma 29 fi 921 irra oomishni Warqee oomishamuu eeraniiru.

Biqiltuun kun haalota qilleensaa jijijjiiraman dandamachuun, oomisha olaanaa kan kennuu fi hawaasa hongeef saaxilame kan dandamachiisu ta’uu ibsaniiru.

Aanaalee godinichaa caamsaan mudatutti bigiltuu Warqee babal’isuuf hojjatamaa jiraachuu Dooktar Abdullaahiin himaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment