Arsii Lixaatti Oomisha kuntaala miiliyoona 13 walitti qabuuf karoorfamera jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC)- Godina Arsii lixaatti Oomisha baranaarraa callaa kuntaala miiliyoona 13 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Waajjirrii qonnaa godinicha ibse.

Godinichatti qamadii qonna Gannaatiin misoome ogeeyyii fi hoggantoota godinaalee Booronaa, Gujii fi Jimmaan daawwatameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii Lixaa Dooktar Abdullaahii Beekaa lafa hektaara kuma 357 irraa calla kuntaala miiliyoona 13 ol walitti qabuuf hojjatamaa akka jiru himaniiru.

Iddoo tokko tokkotti haamaan garbuu eegaluu eeruun, dhiyeessii kombaayinaraa fi gatii madaalawaan akka haamamu hojjatamaa jiras jedhaniiru.

Jibriil Huseentu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment