Arsii Lixaatti Moosee kuntaala miiliyoona 8 ol argachuuf hojjatamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti oomisha Moosee kuntaala miiliyoona 8 ol argachuuf hojjatamaa jiraachuun ibsame.

Itti Gaafatamaa Ittaanaan Waajjira Qonnaa Godina Arsii Lixaa Obbo Ibsaa Gammadaan, godinichatti oomishni moosee bara kana kuntaala miiliyoona 8 fi kuma 900 akka eeggamu himan.

Hanga ammaatti oomishni kuntaala miiliyoona 3.5 walitti qabamuun himameera.

Bulchaa Ittaanaan Godina Arsii Lixaa Obbo Asaffaa Tolosaa oomishaa fi oomishtummaa moosee dabaluuf deeggarsaa fi hordoffii taasisaa jiraachuu himan.

Jibiriil Huseentu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment