Arsii Lixaatti baatiwwan afran darban dargaggoota hojii dhabeeyyii kuma 74 oliif carraan hojii uumame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2016 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti Baatiwwan afran darban dargaggoota hojii dhabeeyyii kuma 74 oliif carraan hojii uumamuu Waajjirri Carraa hojii uumuu fi Ogummaa godinichaa beeksise.

Dargaggootni eeggattummaa jalaa ba’uun hojiilee garaagaraa irratti bobba’uun hojii akka uumataniif hojii hojjetameen baatiwwan afran darban qofa dargaggoota kuma 74 ol ta’aniif waldaan gurmeessuun carraan hojii kan uumameef ta’uu Itti Gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Abdoo Huseen ibsaniiru.

Aanaa Gadab Hasaasaatti baadiyaa fi magaalatti dargaggoota hojii dhabeeyyii kuma 6 fi 697f carraan hojii uumamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Aanichaa Obbo Gammadaa Haajii himaniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment