Arjentiinaan tapha walakkaa xumuraa Waancaa Addunyaa 22ffaaf dabarte

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015 (FBC) – Arjentiinaan rukkuttaa adda bahiinsaan Neezarlaand injifachuun tapha Walakkaa xumuraa Waancaa Addunyaa 22ffaaf dabarteerti.

Taphni sa’aatii idilee fi dabalataa goolii lama qixa xumuramuun Arjentiinaan rukkattaa adda bahiinsaan goolii 4 fi 3 Neezarlaand injifachuun tapha Walakkaa xumuraaf dabarteerti.

Liyooneel Meesiin kubbaa goolii ta’u tokko laachuun, tokko ammoo rukkuttaa adabbiin galchuun biyyi isaa walakkaa xumuraaf akka ga’u qooda isaa ba’eera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment