Arjaan Hindii ilma isaa waliin Zimbaabiweetti balaa xiyyaaraan du’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 23, 2016 (FBC) – Biiliyeennarri Hindii Harpaal Raandaawaa fi Ilmi isaa umrii waggaa 22 balaa xiyyaaraa Zimbaabiweetti mudateen lubbuun isaanii darbuu ibsameera.

Xiyyaarra dhaabbata isaaniin Magaalaa Harareerra gara Muuroowaa wayita balali’aa turan Naannoo Kibba Lixa Zimbaabiwee bakka Albuuda Almaaz jedhamu baasanirraa Kiiloo Meetira 6 irratti kufuun caccabuu dhaga’ameera.

Namoonni xiyyaaricha keessa turanii fi miseensonni balallichaa hundi lubbuun darbuu eerameera.

Balichaan lammiileen Zimbaabiwee 2 fi lammiileen alaa 4 lubbuun darbuu ‘The Times Of Indian’ gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment