Finfinnee, Mudde 6, 2016 (FBC) – Argisiisni “Xiqur Ambassaa” bakka Ajajaan Humna Waraanaa Waliigalaa fi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Sadaasa 20, 1928 kan hundaa’e yoo ta’uu, guyyaan hundeeffama isaa waggaan 88ffaan sagantaalee garaagaraan kabajamaa tureera.
Har’as sirni cufiinsa kabaja guyyaa hundeeffama Humna Qilleensa Itiyoophiyaa qophiilee garaagaraan gaggeeffamaa jira.
Guyyichi mata duree ‘Aarsan biyya kan eege, Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa’ jedhuun kabajamaa jira.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.