Argisiisni Konistiraakshinii Galma miliniyamiitti eegale

Finfinnee, Caamsaa 10 ,2015 (FBC)- Ityoophiyaatti Argisiisnii Konistiraakshinii Caamsaa 10-12, 2015 turu Finfinnee Galma Miliniyamiitti gaggeeffamuu eeagale.

Argisiisaa Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa dhaabbilee federaalaa dhimmichi ilaallatu walta’uun qopheessanirratti, dhaabbileen biyyoota 26 irraa baba’an akka hirmaatan eerameera.

Argisiisichi, guddina damee koistiraakshinii Ityoophiyaaf muuxannoo idil addunyaa argachuuf, filmaatawwaan invastimantii damechaa beeksisuu fa’aa akka qabaatu himameera.

Argisiisicharratti Ministiraa Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Ministira Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee dabalatee Ministiroonnii fi qondaaltonni mootummaa biroon argamaniiru.

Leeyikun Alamuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment