Argisiisni Goobee fi Shinooyyee marsaan 5ffaa Qaam’ee 1 hanga Fulbaana10’tti gaggeefama

Finfinnee, Hagayya 29, 2015 (FBC)-Sagantaan Kaarnivaala Argisiisa Goobee fi Shinooyyee marsaan 5ffaan Qaam’ee 1, 2015 hanga Fulbaana 10, 2016’tti akka gaggeeffamu Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa Beeksise.

Hoogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Biraanuu Buxee ibsa kennaniin, argisiisni Aadaa Shinooyyee fi Goobee Qaammee 1 irraa eegalee hanga Fulbaana 10’tti Magaalaa Finfinnee Kutaalee Magaalaa hundatti, Magaalaa Shaggarii fi Magaalot Godinaalee Oromiyaa garaagaraatti kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Sirni kun Aadaa Oromoo keessa tokko kan ta’e sirna galateefannaa fi hawwii gaarii bara haaraa simachuuf taasifamuu ta’uu ibsaniiru.

Qeerroo fi Qarreen uffannaa Aadaatiin faayamuun sirboota Birraan bari’uu ibsan sirbaa, bakkeewwan adda addaattin Goobeefi Shinooyyee agarsiisuun duudhaa Oromoon qabu kan ittiin mul’isan ta’uu himuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Sagantaan kun qindoomina Biiroo Aadaaf Turizimii Oromiyaafi Dhaabbata ‘Borati Art Promotion’n kan gaggeeffamu yoo ta’u, Hoji Gaggeessaan dhaabbatichaa Dargaggoo Biruuk Girmaan, argisiisni Goobee fi Shinooyyee Aadaa, duudhaa fi seenaa Oromoo beeksisuun cinatti walitti dhufeenya Qeerroof Qarree sadarkaa hundatti kan cimsu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment