Argisiisni Daldala fi Tuuriizimii Idil Addunyaa Ityoophiyaan irratti hirmaachaa jirtu Barliinitti gaggeeffama jira

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Argisiisni Daldala fi Tuuriizimii Idil Addunyaa Ityoophiyaan irratti hirmaachaa jirtu Barliinitti gaggeeffamaa jiraachuu Ministeerri Tuuriizimii Beeksie.

Argisiisicharratti, Jilli Ministira Ministeeraa Tuuriizimii Naasisee Caaliin durfamu hirmaachaa jira.

Ministir Deetaan Damee Beeksisaa fi Gabaa Ministeerichaa Salaamaawit Daawit FBC’f akka ibsanitti, argisiisicharratti biyyoonni addunyaa damee tuuriizimiin hojii fi dandeetti qaban ni dhiyeessu.

Waltajjicharratti abbootii qabeenyaa oppireetaroota daawwannaa dabalatee damee tuuriizimiirratti kanneen bobba’uu barbaadan hirmaachaa jiru jedhan.

Ityoophiyaan qabeenya tuuriizimii qabdu beeksisuun hojiilee walitti hidhamiinsa gabaa uumuu ni gaggeessiti jedhan.

Argisiisa hanga boriitti turuurratti marii cinaa fi walga’iiwwan garaagaraa akka jiraatu eegama jedhameera.

Yohaannis Darribootu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment