Finfinnee, Caamsaa 20, 2016 (FBC) – Argisiifnii fi Siimpoziiyeemiin idil addunyaa Caamsaa 22 -24, 2016tti yeroo 2ffaaf Finfinnee Galma Barkumeetti kan gaggeeffamu ta’uu ibsame.
Argisiifnii fi Siimpoziiyeemiin idil addunyaa mata duree ‘Itiyoophiyaa haa ijaarru’ jedhuun qopheessummaa Biig 5 Konistiraaktiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, Misooma, Guddinaa fi Milkaa’ina Indaastirii ijaarsaa sadarkaa fooyya’aatti ceesiisuuf qooda qabaachuu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsaniiru.
Hanqinaalee gara carraatti jijjiiruuf, deeggarsa Faayinaansii, beekumsaa fi Teeknooloojii argachuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Muuxannoo fi beekumsa Ismaartii Siitii ijaaruuf dandeessisu kan itti argamu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia