Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Argisiifni suuraa hariiroo Dippiloomaasii Itiyoo – Ameerikaa waggoota 120 mul’isu banameera.
Argisiisichi ‘suuraa agarsiiftuu Imala hariiroo waloo waggoota 120’ jedhu moggaafamuu ibsameera.
Biyyoonni lamaan hariiroo damee Barnootaa, Fayyaa, Diinagdee fi hawaasummaa waggota 120 lakkoofsise qabaachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Erviin Joosee Masiingaan ibsaniiru.
Tumsi kun gara fulduraatti cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Argisiifni kun hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf qooda qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Turizimii Silashii Girmaan dubbataniiru.
Argisiisichi Ebla 30 hanga Caamsaa 18, 2016tti Gola Hambaa biyyaalessa Itiyoophiyaatti, Caamsaa 21 hanga Waxabajjii 1, 2016tti Dhaabbata Qorannoo fi Qo’annoo Yuunivarsiitii Finfinneetti,Waxabajjii 10 – 30, 2016tti ammoo Hoteela Riijansii Hayaattitti kan qophaa’u ta’uu eerameera.
Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia