Argannoo Oodiitiirratti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu koreen dhaabbii yaadachiise

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Argannoo Oodiitiirratti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu koreen dhaabbii bulchiinsa baasii mootummaa fi too’annoo yaadachiise.
Koreen dhaabbii bulchiinsa fi too’annoo baasii mootummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa gabaasa ooditii bara baajataa 2011 Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Waajjirri Muummee Ooditara federaalaa dhiyeesserratti mari’ateera.
Marii taasiifameen argannoo Oodiitiirratti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu koreen dhaabbii bulchiinsa fi too’annii baasii mootummaa yaadachiiseera.
Ministirri Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee argannoo Oodiitii mana hojichaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
Ibsa isaaniin haalli ragaa kaffaltii mindaa guutuu ta’uu dhabuu, adeemsi bittaa fi sassaabbii Proofoormaa rakkoo qabaachuu, bilbila hin mirkanoofneef kaffaltiin raawwatamuun qabxii ijoo argannoo Ooditichaa ta’uu eeraniiru.
Dooktar Ergoogeen, argannoo Ooditii Waajjirri Muummee Oodiitara Federaalaa adda baase akka galteetti fudhachuun rakkoolee jiran sirreessuuf tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa jiraachuu koree dhaabbii kanaaf dhiyeessaniiru.
Walitti qabaan koree dhaabbichaa obbo Mahammad Yesuuf gama isaaniin sirna bittaa faayinaansii mootummaa haala hin hordofneen bittaa gaggeeffameef kaffaltiin raawwachuu, hangi kaffaltii osoo hin beekkamni kaffaltiin raawwatamuu, qabeenya mootummaa seeraan qabuu dhabuu fi hir’inni maallaqa dheedhii Oodiitiin argamu ibsaniiru.
Haala qabiinsa baajataa fi itti fayyadamaa ilaalchisee yaada Oodiitara olaanaa fi koree dhaabbichaan laatame akka galteetti fayyadamuun tarkaanfii sirreeffamaa akka fudhatan hubachiisuu isaanii ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummatarraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Comments (0)
Add Comment