Arbaa Mincitti balaa tiraafikaatin lubbuun namoota 9 darbe

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- Magaalaa  Arbaa Mincitti balaa tiraafikaatin lubbuun namoota 9 darbu qajeelchi poolisii godinichaa ibse.

Ajajan poolisii godinichaa Komaandaar Rattaa Takluu akka ibsaniitti, har’a ganama sa’aati 4:00tti  konkolaataan minibaasii Arbaa Minci gara Koonkaa imalaa ture ba’uumsa irraan gadee magaalaa Arba Mincii daandiirraa irraa goruun boolla seenuun balichi qaqqabusaa ibsaniiru.

Balichan dhiirri 7 fi dubartiin 2 waliigala lubbuun namoota 9 battalaa darbuu ibsuun, namoota 5 irraa miidhaan qaama cimaan qaqqabu dubbataniiru.

Ka’umsi balichaa poolisiin qulquleessaa jiraachuu himaniiru.

Malaakuu Gadiiftu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment