Araaraafi Dhiifamni Daandii Milkii Warra Injifataniiti-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 10, 2016 (FBC)- Araaraafi Dhiifamni Daandii Milkii Warra Injifataniiti jedhan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis Ayyaana Cuuphaa Sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniinis, hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundi baga guyyaa dinqisiisaa guyyaa yaadannoo hunda keenya biratti ulfina qabu kana nagaan geessan baga waliin geenye jedhaniiru.

Guutuun ergaa isaani Akka ittaanutti hiyaateera.

Ilmi namaa seera jireenyaa uumaan isa badhaase cabsee jireenya eebbaaf abdiin guutames dhabee imala badiisa adabbii bara baraa hordofsiisu akka imale macaafni qulqulluun nuuf mirkaneesseera.

Haala kanaan namoonni jalqaba harka Waaqayyootiin uumaman Addaamiifi Hewaan wayita seera cabsan Addunyaan keenya kun guutummaatti ifarraa gara dukkanaa; eebba irraa gara abaarsaa, tokkoomuu irraa gara wal diiguu, jireenya dhugaa irraa gara jireenya fakkeessatti akka darbite barumsi Amantaa kiristaanaa ni mul’isa.

Ilmi namaa mootummaa waaqaa irraa fageeffamee bilisummaa qabus dhabe.

Garbummaa jala galuun kufaatii hamaa keessummeesse.

Kanaanis simboofi ayyaana qabu sana dhabee jooree jaawware.

Waaqnis akka nama ofirraa fageessetti hin hafne.

Waggoota baay’ee booda kan kufe kaasee kan bades barbaaduuf kabaajaafi ulfina waaqummaa qabu hunda osoo homaatti hin lakkaa’iin salphina gara ulfinaatti deebisuuf nama ta’ee dhalate.

Namoota waliinis jiraachuun gara laga Yoordaanosittis gad bu’ee waamicha qalbii jijjirannaa Yohaannis cuuphaan ilmaan namootaaf taasisaa ture dhaga’ee gadi jedhee abboomamee cuuphamuun daandii araaraafi dhiifamaa gochaan agarsiise.

Kanaanis Yesuus Kiristoos kan kufe kaasuuf gad jechuu, kan bade barbaaduufis obsaan guutamanii aarsaa barbaadamu kaffaluun daandii dhiifamaafi araaraa ilmaan namootaaf kan saaqe har’a waggoota 2016 ol lakkoofsiseera.

Cuuphaan fakkeenya ce’umsa haaraa dukkana irraa gara ifa birmadummaa guutuu qabuu ta’uus hubachiise.

Kanaafis hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti Ayyaanni Cuuphaa araara, dhiifamaafi gara laafummaa Waaqayyoo kana yaadachuuf waggaa waggaadhaan haala ho’aafi hawwataa ta’een kabajama.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa hundi baga guyyaa dinqisiisaa guyyaa yaadannoo hunda keenya biratti ulfina qabu kana nagaan geessan baga waliin geenye jechuun barbaada.

Akka barsiisa Yesuus Kiristoositti Cuuphaan mallattoo birmadummaa guutuu gonfachuuti.

Cuuphaa booda jibbiifi haaloo ba’uun, sanyummaan wal qooduufi wal takaaluun dhiifamaan bakka buufama.

Duudhaa gaariin tokkummaa cimsuu, jaalalaan waliif yaaduufi jireenya araaraan guute waliin jiraachuu har’as biyya keenya keessatti diibi’ee akka dagaaguufi lalisuuf hunda keenya irraa dhamaatii guddaatu eegama.

Ce’umsi haaraan aarsaa danuu kan kaffalchiisu ta’uu imala jijjiiramaa nagaafi badhaadhina waaraa mirkaneessuuf eegallee jirru kessatti gocha qabatamaan arginee jirra.

Imalichi qormaataan kan guute ta’us, ifa fuula keenya dura jiru galma guddaa sana bira ga’uuf uummata keenya waliin taanee humna keenya guutuun ni hojjenna.

Tokkummaa keenya jabeessuunis riqicha araaraafi dhiifamaa ijaarree birmadummaa biyya keenyaa guutuu taasisuuf xiiqiifi kutannoon hojjechuu qabna.

Kuufamni qormaataa rog-daneessi dhaalles irraa jalaan furamaa dhaloota itti aanu biyya naga qabeettiifi birmadummaa guutuu qabdu dhaalchisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiiqiin hojjechaa jira.

Hojiin hojjennu hundi hirmaannaa Uummata keenyaatiin malee milkaa’uu akka hin dandeenye waan hubanneefis tarkaanfii haaraa humnoota waloo hojii irra oolchine.

Uummata keenyaa Waliini taanees Injifannoo argamee hin beekne argaa jirra.

Kabajmtoota Uummata naannoo keenyaa hundi duudhaa gaarii qabnu jabeessinee tokkummaa keenyas cimsinee, maree araaraa jalqabame roga hundaan akka milkaa’uuf hojjechuu, misoomni gama hundaan jalqabnes ititee hiyyummaa seenaa taasisuuf akkuma xiiqiin jalqabne xiiqiin goolabuu qabna.

Ni qoramna ni injifanna; ni tarkaanfannaa galma waloo keenyas ni mirkaneessina.

Ayyaana cuuphaa bara kanaa kan nagaa, gammachuufi badhaadhinaa hunda keenyaaf haa ta’u!

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment