Appilikeeshiniin gochaalee yakkaa eeruuf gargaaru hojiirra ooluufi

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Appilikeeshiniin lammiileen bakka jiran ta’anii gochaalee yakkaa Poolisiif eeruuf gargaaru Finfinneetti hojiirra ooluuf ta’uu Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Federaalaa Dammalaash Gabiramikaa’eel beeksisan.

Poolisiin Federaalaa jijjiramaan booda nageenya lammiilee fi biyyaa eegsisuuf hojiilee teeknooloojiiwwan ammayyaa’oon deeggaraman raawwachuu ibsaniiru.

Dandeettii humna namaa fi teeknooloojii guddisuun itti gaafatama ummataa fi mootummaa ga’umsaa olaanaan bahachaa jiraachuu himuu TOI gabaaseera.

Haaluma kanaan hanga ammaatti Afrikaatti kan hinyaalamne, addunyaarrattis hedduu hinbaratamne hojii nageenyaaf kan tumsuu fi ogeeyyii biyya keessaan kan kalaqame appilikeeshiiin Moobaayilaa hojiirraa kan oolu ta’uu dubbatan.

Appilikeeshinichi lammiileen bakka jiran ta’anii gochaalee yakkaa Poolisiif eeruuf teeknooloojii dandeessisu ta’uu eeranii, dhiyeenyattis Finfinneetti hojiirra ooluu akka eegaluu akeekaniiru.

Appilikeeshinichi lammiileen bilbila harkaa isaaniin odeeffannoo poolisiif yoo kennan hojii ittisa yakkaarratti walta’iinsa poolisii fi ummataa daran kan cimsu ta’uu Komishinar Dammallash ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment