Antooniyoo Guuteerees hawaasni addunyaa fonqolcha mootummaa Maaynaanmaar fudhatama akka dhabsiisu gaafatan

Finfinnee, Amajjii 27, 2013 (FBC) – Barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuteerees hawaasni addunyaa fonqolcha mootummaa Maaynaanmaar fudhatama akka dhabsiisu gaafatan.
Hogganoonni fonqolcha kanaa karaa kanaan biyya bulchuun akka hin danda’amne hubachuu qabu jedhan.
Guuteerees hawaasni addunyaa fonqolchi kun fudhatama akka hin qabne mirkaneessuu qaba jedhan.
Poolisiin Maaynaanmaar himata baay’ee Saan Suu Chii irratti banuun hanga Guraandhala 15,2021tti akkuma to’atamteetti turti jechuun ibseera.
Saan Suu Chiin mana jireenyaa ishee magaalaa guddoo biyyattii Naay Yii Taaw itti argamutti hidhamtee jiraachuu himameera.
Tajaajilli Feesbuukii Maaynaanmaar keessatti Kamisaa Jalqabee adda kan cite yoo ta’u waraanni teeleekoomiin biyyattii miidiyaalee hawaasaa akka cufu dirqisiiseera.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment