Antooniyoo Guutarees hojiirra oolmaan talaallii koroonaa qeeqan

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaanii Antooniyoo Guutarees biyyoonni 10 talaallii Koroonaa 75 fayyadamuu ibsaniiru.
Adeemsi hojiirra oolmaa talaallichaa haqa qabeessa kan hin taane ta’uu ibsaniiru.
Guutarees raabsi talaallichaa biyyoota hundatti walqixa ta’uu akka qabu Biyyoota badhaadhan gaafataniiru.
Manni Maree Nageenyaa guyyaa kaleessaa weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisee yaa’ii gaggeesseera.
Hanga ammaatti Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni addunyaa 130 talaallicha goonkuma kan hin arganne ta’uu ibsameera.
Yeroo rakkisaa kanaatti walga’iinsi talaalli koroonaa haqa qabeessa ta’uu qaba jedhan Guutarees.
Rakkoo uumame furuuf biyyoonni garee 20 Koren yeroo ariifachiisaa akka hundeessan waamicha dhiyeessaniiru.
Biyyoonni qala’iinsa keessa jiran 32 talaallii 100 gadi kan ajajan ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment