Anniisaan hurka lafa jalaa Meeggaa Waattii 20 argamuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)- Pirojektii Qotiisa Hurka Lafa Jalaa Alutoo Laangaanoon hanga ammaatti anniisaan hurkaa Meeggaa Waattii 20 argamuu ibsame.

Humna Elektirikii Ityoophiyaatti Hojigaggeessaan Pirojektii Ji’ootermaalii Alutoo Masaay Fiqaaduu akka ibsanitti, hanga ammaatti qotiisi isaanii kan xumuramee fi boollawwan gadi fagoo sakatta’aman shan keessaa afur anniisaa hurkaa Meeggaa Waattiin 20 argameera.

Boollawwan kunneen meetira kuma 2 fi 700 hanga kuma 3 kan gadi fagaatan ta’uu eeruun, qotiisi boolla 6ffaa fi 7ffaa gaggeeffamaa akka jiru dubbataniiru.

Hojichi teeknooloojii ammayyaan kan deeggaramee, qulqullinaa fi dhaqqabama hanga hurkaa lafaa jalaa gama mirkaneessuun gaggeeffamaa akka jiru himuu ragaan Humna Elektirikii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Pirojektiin qotiisa anniisa hurka lafa jalaa Alutoo 1ffaan hanga ammaatti anniisaa hurkaa Meegga Waattii 20 argametti dabalataan Meeggaa Waattii 15 argachuuf boollawwan 2 hanga 4 ta’an qotuu akka barbaachisu himaniiru.

Hojiin qotiisa boollaa akka xumurameen gara ijaarsa pirojektii anniisaamaddisiisuutti akka ce’amu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment