Angafti yoo beela’u teenyee hinilaallu-Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Manneen hojii Ministeeroota garaagaraa hawaasaa Godinaa Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa garaagaraa Birrii miiliyoona 115’tti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsi jila kanaan taasifames nyaata namaa, uffannaa fi marga beeyladaa ta’uun ibsameera.

Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, “Angafti yoo beela’u teenyee hinilaallu” jechuun deeggarsa taasisuu himuun fuula duraafis abbootii warraa hongeen buqqa’aniif deeggarsaa taasosuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

Akkasuma Ministeerri Galii Aadde Ayinaalem Nugusee akka jedhanitti, meeshaalee kontiroobaandii to’atamn deeggarsa maatii hongeen miidhamaniin akka oolu taasisamuu himaniiru.

Ministirri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Doktar Ergogee Tasfaayeef gama isaaniin, guyyaan kun guyyaa dubartootaa Addunyaa March 8 ta’uusaatti deeggarsa kana Daa’immanii fi Dubartoota taasisutti gammachuu itti dhaga’ame ibsuun, deegarsa lammiileen biyya Arabaa jiran walitti qaban Birrii kuma 450 dabarsanii kennuu ragaan kominikeshinii Godina Booranaarraa argame ni mul’isa.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo Ministeerootaa fi Komshiinii Gumruukaa hawaasa horsiisee bulaa Booranaa hongeen miidhaman deeggaran galateeffachuun, deegarsa taasisifames hawaasa biraan gahuun damdamachiisuuf waadaa galaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment