Ammeentaan quucaruu %60 gara %37 hiri’achuu danda’eera

Finfinnee, Gurraandhala 26, 2012 (FBC) – Akka biyyaatti ammeentaan quucaruu %60 gara %37 hiri’achuu danda’uun ibsame.

Ministeerri Fayyaa, waajjiroolee seektara mootummaa fi dhaabbilee tumsistootaa waliin raawwii baatiiwwan 6 irratti marii taasisaniiru.

Wayita kanas gama sirna nyaataan hojiiwwan hojjetamaniin akka biyyaatti ammeentaan quucaruu %60 haga %37 hiri’chuu danda’uu ministirichatti daayreektarri haadhoolii fi daa’immanii Dooktar Masarat Zalaalam himaniiru.

Yaa ta’u malee rakkicha hundeerraa furuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjeetamuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Waltajjicha irratti kanneen raawwii foyyaa’aa argisiisan keessa naannoo Amaaraarraa aanaalee Dahaanaa, Ziqwaalaa fi Gaazoo akkasumas naannoo Tigraayitti Afilaanaa fi Qollaa Taanbeenif beekamtiin kennamuufi ragaan Ministeera Fayyaarraa arganne ni muul’dhisa.

Comments (0)
Add Comment