Fana: At a Speed of Life!

Ammaan booda lammiileen Sudaan Viizaa malee gara Ijipti seenuu hin danda’an jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2015 (FBC) –Ijipti lammiileen Sudaan waraana biyyattii dheeffuun gara Ijipti seenaa turan guyyaa kaleessaa kaasee viizaa malee akka hin seenne dhorkite.

Imaammanni haaraan kun kan ba’e Ameerikaa fi Saa’ud Arabiyaan humnoota walfalmaa jiran mariisisuun marichi bu’aa buusee hojiirra ooluu eegaluu hordofee ta’uu ibsameera.

Imaammatichi lammiileen Sudaan kamiiyyuu eeyyama Viizaa osoo hin argatin daangaa Ijipti akka hin ceene kan dirqisiisu ta’uu eerameera.

Imaammatichi waliindhooftootaa fi namoota gochaa seeraan alaarratti hirmaatan to’achuuf ta’uu Ministeerri Dimma Alaa Ijipti ibsa baaseen himeera.

Murtichi mirga godaantoota daa’ammanii, dubartootaa fi maanguddootaa kan daangeesse ta’uu eerameera.

Walitti bu’iinsi Sudaanitti muudate lubbuu lammiilee nagaa kuma 1fi 800 olii galaafachuu fi lammiilee miiliyoona 1.9 ol buqqaatiif saaxiluu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.