Ameerikaatti sa’aati 24 keessaatti vaayrasii koroonaatin lubbuun namoota kuma 3 fi 700 darbe

Finfinnee, Muddee 8, 2013 (FBC)- Ameerikaatti sa’aati 24 keessaatti vaayrasii koroonaatin lubbuun namoota kuma 3 fi 700 darbeera.

Biyyattitti tamsa’inni vaayrasichaa heddumminaan dabalaa kan jiru yoo ta’u, sa’aati 24 keessaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 50 covid-19 qabamaniiru.

Ameerikaatti erga vaayrasichii muul’ate waliigala namoonni miiliyoonni 17 ol vaayrasichaan qabamaniiru.

Lubuun namoota kuma dhibba 3 oliis darbeera.

Addunyaarratti namoonni miiliyoonni 74 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, miiliyoonni 1.6 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Maddi:-Aljaaziraa fi Worldometer

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment