Finfinnee, Mudde 15, 2015(FBC)- Ameerikaatti qorri waqtii gannaa hammaachuun lubbuun namoota 12 darbuu gabaafame.
Biyyattii bakkeewwan tokko tokkotti hangi qorraa digirii seentigireedii 0 irraa hanga -45tti gadi bu’uu BBCn gabaaseera.
Dambalii cabbii waqtii gannaa irraan kan ka’e lammiilee miiliyoona 1.5 jalaa dhiyeessiin humna elektirikaa addaan cituu ibsameera.
Dambalichi kallattiinis ta’e al-kallattiin lammiilee biyyattii miiliyoona 200 irratti dhiibbaa geessisuu eerameera.
Dambaliin cabbie kun Ameerikaa bulchiinsa Teeksaas irraa eegale hanga Kaanaadaa Kiyuubeekitti Kiiloomeetira kuma 3 fi200 uwwisuu ibsameera.
Bulchiinsonni Ameerikaa hedduun haala qilleensaa baayyee dilallaa’aa keessa kan jiran yoo ta’u, bakkeewwan tokko tokkos ofeeggachiisa dambalii gannaa keessa seenuu ibsameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.