Ameerikaatti lakkoofsi namoota koroonaatin lubbuun isaanii darbe kuma dhibba 1 fi kuma 70 darbe

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin lubbuun isaanii darbe kuma dhibba 1 fi kuma 70 darbe.
 
Lakkoofsi namootaa kaleessa lubbuu isaanii dhaban 483 daballii agarsiisera.
 
Miidhaan irra ga’uun Filooriidaa, Teeksaasii fi Luwiiziyaanaan duursaa jiru.
 
Biyyattiitti yeroo ammaatti sochiin weerara qufaa ittisuuf taasifamu weerara vaayrasii koroonaa akka hin hammeessines sodaatameera.
 
Ameerikaatti namoonni miiliyoonni 5.4 vaayrasichaan qabamaniiru.
 
Kunis addunyaarratti lakkoofsa olaanadha.
 
Haawaay, Saawz Daakootaa fi Eliinooyin ala weerarichi hir’isaa jiraachuun eerameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment