Ameerikaatti laakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 6 qaqqabe

 

Finfinnee, Hagayya 21, 2012 (FBC) – Ameerikaatti laakkoofsi namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii miiliyoona 6 qaqqabuu himame.

Biyyattitti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonatin qabamanii miiliyoona 6 ol qaqqabee yoo ta’u, lubbuu namoota kuma dhibba 1 olii darbeera.

Namoonni miiliyoonni 3 ol ammoo warreen dandamataniidha.

Kanafiis Ameerikaan namoota vaayrasichaan qabamanii fi du’a oolaan galmeessuun addunyarraa sadarkaa jalqabaarratti argamti.

Ameerikaatti ansuun Biraazil, Hindii fi Raashiyattis lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii olaanaa ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan Biraaziilitti namoonni miiliyoonni 3 ol vaayrasichaan yoo qabaman, kumni dhibbi 1 ol ammoo lubbuu isaanii dhabaniiru.

Akkasumas Hindiitti namoonni miiliyoonni 3 ol vaayrasichaan yoo qabaman, kumni 60 ol ammoo du’aniiru.

Raashiyaatti namoonni kumni dhibbi 9 kumni 70 ol covid-19 yoo qabaman, kumni 16 ol ammoo lubbuun darbaniiru.

Erga vaayrasichi muuldhate addunyaarratti lakkoofsi namoota vaayrasichaaf saaxilamanii miiliyoona 24 ol yoo ta’u, namoonni miiliyoonni 16 ol ammo warreen dandamataniidha.

Maddi:-Worldometer

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment