Ameerikaatti imaluu yeroof ni daangeessina- Donaald Traamp

Finfinnee, Eebila 13, 2012 (FBC)- Preezdantiin Ameerikaa imala gara Amerikaatti taasifamu hunda yeroof weerara vaayrasii koroonaaf jecha dhorkaniiru.

Preezdantiin Ameerikaa Donaald Traamp weerara vaayrasii koroonaa to’achuuf namnii kamiyyu gara Ameerikaatti akka hinseenne qajeelfama ajaju akka mallatteessan toora tiwitarasaanirratti barreessan.

Toora tiwitarasaanirratti ‘’diinni ijaan hin mul’anneen nu haleelaa jira’’ jedhan.

Itti dabaluunis, ajaja kana dabarsuun kan barbaachiseef fayyaa lammilee Ameerikaa qofaaf miti,carraa hojii lammilee Ameerikaas tiksuuf akka ta’ees ibsan.

Ajajni Traamp kun halkan qixxee Wixatatti bari’u dura ibsame. Gorsitoonni Traamp garuu imalli gara Ameerikaatti taasifamu akka adda citu barbaadus turan.

Ammatti odeeffannoon bal’aa himame hin jiru garuu, ajajni preezdant Traamp dabarsuuf jiran kan dhaga’ame, weerarri dhibichaa darbeera,biyyattin deebitee banamuu qabdi jechuun Waayita haawus wayita falmaa jirutti kana barreessan.

Murtoon Traamp kun eenyuun kallattiin akka miidhu ammaaf hin baramne.

Ameerikaan duraanu karaa daangaa Kanaadaa fi Meeksikoo imala hin barbaachifne amma walakkeessa ji’a dhuftuutti akka adda citu waliif galaniiru jechuun BBCtu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment