Ameerikaatti hojii dhabdummaan lammilee biyyatti harka 14.7’n saffisaan guddate

Finfinnee, Caamsaa 1, 2012 (FBC) – Ameerikaatti hojii dhabdummaan lammilee biyyatti harka 14.7’n saffisaan guddate.

JI’a Eebilaa darbe keessaa qofa lammileen biyyattii miliyoona 20.5 ta’an hoji dhabdoota ta’aniiru.

Ji’a lama dura garuu hoji dhabdummaan harka 3.5 ture, wayita sanatti hojii dhabdummaan waggoota 50 keessatti gadi-aanaa ta’un ibsamee ture.

Weerara vaayrasii koroonaa biyyatti miidhe hordofuun diinagdeen Ameerikaa qorreera.

Bara Faranjoota1930 keessa kufaatii dinagdee hamaa tureen asitti kufaatii dinagdee hamaatu biyyatti mudate.

Dinagdee biyyoota addunyaa hundaa caalu kan qabdu Ameerikaan, ammatti sababa weerara vaayrasiitiin raafama keessa jirti.

Torbanoota jaha darban keessa lammileen biyyattii miliyoona 33 ta’an faayidaa hoji dhabdootaaf kennamu argachuuf iyyataniiru jechuun BBCtu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment