Ameerikaatti balaqqeettiin aduu cimaa jedhame lafatti bu’uu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2017 (FBC) – Ameerikaatti balaqqeettiin/carallaan aduu cimaa jedhame lafatti bu’uu Bulchiinsi Garba biyyaaleessaa fi Naannawaa Qilleensaa Ameerikaa beekksise.

Aduurraa kan dhohee balaqqeettiin kun fageenya maayila miiliyoona1.5 sa’aattiitti imaluun kaleessa waaree booda naannawaa sa’aatii 11:15 lafa qaqqabuu bulchiinsichi himeera.

Balaqqeettii hamaan kun obomboleettii Helen fi Milton kan kutaalee Ameerikaa adda addaa keessatti mudatee lubbuu namoota 230 ol galaafate deebi’ee akka ka’u sababa ta’a jedhamuun sodaa uumuu himameera.

Carallaan aduurraa dhohe kun kutaalee bulchiinsaa Ameerikaa Albaamaa fi Kaalifoorniyaa Kaabaatti waayita sammiirra gara lafaatti bu’u mul’achuu CGTN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment