Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015(FBC)- Ameerikaan yeroo dhiyootti marsaa jalqabaaf meeshaalee waraanaa farra humna qilleensarraa 2 gara Yuukreenitti kan ergitu ta’uu ibsite.
Haleellaa xiyyaara nam-maleeyyiifi miisaa’elaa Raashiyaan Yuukreen irratti raawwattu qolachuuf Waajjirri Ittisaa Ameerikaa meeshaalee farra haleellaa humna qilleensarraa Yuukireeniif kennuuf waadaa galuu ibsameera.
Amerikaan meeshaalee waraanaa farra humna qilleensarraa fageenya dhiyoofi giddugaleessaa 8 Yuukreeniif erguuf murteessuu dubbii himaan Mana Maree Nageenyaa Ameerikaa Joon Kirbiin ibsaniiru.
Meeshaalee waraanaa farra humna qilleensarraa Ameerikaan Yuukreeniif kennuuf waadaa seente kanneen keessaa 2 yeroo dhiyootti Yuukreen kan qaqqabu ta’uu RTn gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.