Ameerikaan xiyyaarota nama maleeyyii finciltoota Hawutii rukuttee kuffisuu beeksiifte

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC) – Ameerikaan xiyyaarota nama maleeyyii finciltoota Hawutii 2 rukuttee kuffisuu beeksiifte.

Humni Galaanaa Ameerikaa Xiyyaarota nama maleeyyii fincitoota Hawutiirraa ergaman lama rukutee kuffisuu Ajajni Giddu Galeessaa Ameerikaa ibseera.

Tarkaanfiin kun haleellaa garichi Dooniwwan Daldalaa Ameerikaarratti raawwateef deebii ta’uu ibseera.

Xiyyaaronni Finciltoota Hawutii kunneen Dooniwwan Daldalaa Ameerikaa haleeluuf ergama fudhatanii imala kan turan ta’uu himeera.

Tarkaanfii Humni Galaanaa Ameerikaa fudhateen Dooniwwan kanneen baraaruufn danda’amuu ajajichi beeksisuu ‘Arab News’ gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment