Ameerikaan waraana ishee gara Isaraa’elitti siqsite

Finfinnee, Fulbaana 28, 2016 (FBC)-Hamaas naannawaa Kibba Israa’elitti haleellaa raawwachuu hordofee Ameerikaan waraana ishee gara Israa’elitti siqsuun gabaafame.

Nageenyi Biyyaalessaa Ameeriikaa akka ibsetti, haleellaa Hamaas rawwatteen Waashingitan Dooniiwwan Xiyyaara baatanii fi Jeettiiwwan waraanaa gara Bahaa Galana Meeditiraaniyaatti socho’aa jiraachuu ibsaniiru.

Sochiin loltummaa kunis, haleellaa Hamaas ittisuu fi deeggarsa meeshaalee waraanaa Israa’eeliif taasisuuf akka ta’e eeraniiru.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidaan haleellaan Hamaas Israa’eel irratti rawwatte ‘’Gochaa biyyatti keessatti raawwattee hinbeeknee fi sukkanneessadha‘’ jechuun balaaleeffachuun isaanii ni yaadatama.

Pireezidaantiin Iraan Ibraahim Raayis gama isaaniin, Israa’el naannawaa Giddugaleessa Bahaatti balaa qaqqabsisaa jirti jechuun yakku BBC’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment