Ameerikaan waggaa 25 booda Sudaanitti Ambaasaaddara ergite

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Ameerikaan waggaa 25 booda Ambaasaaddara ishee jalqabaa Sudaanitti erguu ibsameera.
Sudaan erga tarree biyyoota shororkeessummaa deeggaranii keessaa haqamtee waggaa 2 booda Ameerikaan Ambaasaaddara jalqabaa biyyattiitti erguu himameera.
Ambaasaaddar Joon Goofreey Sudaan Kaartumitti argamuu isaanii Fuula Tiwiitara isaaniin ifoomsaniiru.
Sudaan Bara Faranjootaa 1993 eegaltee biyyoota shororkeessummaan deeggaran jedhamuun tarreeffaman keessatti ramadamtee turte.
Hundeessaan Alqaayidaa Osaamaa Biin Laadan bara Faranjootaa 1992 – 1996tti Sudaan keessa jiraataa akka ture himama.
Ameerikaan bara 1997 bakka bu’iinsa Sudaanii qabdu Ambaasaaddarummaarraa gara dhimma raawwachiisaatti gadi butuun,qoqqoobbii diinagdee kaa’uun ishee ni yaadatama.
Sudaanis gama isheen waggaa 23 booda Ameerikaatti Ambaasaaddara muuddee turte.
Maddi:-BBC
Odeefannoo dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment