Ameerikaan talaallii jalqabaa vaayirasi Chikunguniyaa raggaasiste

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2016 (FBC)- Ameerikaan addunyarratti talaallii jalqabaa vaayirasii Chikunguniyaa tajaajilarra akka ooluuf raggaasiste.

Vaayirasichi cininnaa bokeen kan daddarbu yoo ta’u talaallichi aanga’oonni Ameerikaa damee fayyaa irratti hojjetan mari’achuun raggaasisuu CGTN gabaaseera.

Talaalliin moggaasa “Ikichiik jedhamuun gabaaf dhiyaate kun namoota umriin isaanii waggaa 18 olii fi sadarkaa olaanaan vaayirasichaaf saaxilamoo ta’aniif kan eeyyamame ta’uu Bulchiinsi Nyaataa fi Qorichootaa Ameerikaa beeksiseera.

Dhibeen Chikunguniyaa Itiyoophiyaatti Magaalaa Dirree Dhawaatti irra deddeebiin mudachuun miidhaa qaqqabsiisuun kan beekamu yoo ta’u ciniinnaa bookeen kan daddarbuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment