Ameerikaan Taaywaanif misaa’eelotaa fi xiyyaaroota nam- malee gurguruuf karoora akka qabdu ibsite

Finfinnee, Onkooleessa 4, 2013(FBC)- Ameerikaan Taaywaanif dabalataan misaa’eelotaa fi xiyyaaroota nam- malee (diroonii) gurguruuf karoora akka qabdu ibsiteetti.

Chaayinaan dhiibbaa Taaywaan irraa ga’aa jirtuun walqabatee Ameerikaan meeshaa waraanaa ammayya’oo Taaywaanitti gurguruuf karoorsushee ibsameera.

Bulchiinsi Tiraamp dirooniwwan MK 9 fi misaa’eeloota ammayya’oo dabalataa Taaywaanif gurguruuf karoorsuun isaanii dhaga’ameera.

Hangi gurgurtichaas gara doolaraa Ameerikaa biiliyoona 5tti akka siquu ragaaleen ni muul’dhisu.

Chaayinaan Ameerikaa Taaywaaniif meeshaa kamiyyuu akka hin gurgurreef yaadaa turuun ishee ni yaadatama.

Haa ta’uu malee bulchiinsi Tiraamp Chaayinaarratti dhiibbaa qaqqabsiisuuf yaala jira.

Maddi:-Aljaziiraa

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment