Ameerikaan sagalee Ityoophiyaanoota dhaga’uun cinaa isaanii dhaabbachuu qabdi-Gaadii Yivaarikaan

Finfinnee, Mudde 4, 2014 (FBC)- Ameerikaan sagalee Ityoophiyaanoota dhaga’uu fi cinaa isaanii dhaabbachuu akka qabdu Miseensa paarlaamaa Israa’eelii fi Hogganaan Itti aanaa Waajjira Nageenya duraanii xalayaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatiif barreessaniin gaafatan.

Israa’eeltti miseensa paarlaamaa fi Hogganaan Itti aanaa Waajjira Nageenya duraanii Obbo Gaadii Yivaarikaan, Xalayaa Ministeera Dhimmaa Alaa Ameerikaatiif erganiin lammiileen Ityoophiyaa hirmaannaa guddaa gochuun kan filatan Mootummaan  Abiy Ahimad’n gaggeeffamu, seera qabeessa waan ta’eef Ameerikaan deeggaruu qabdi jedhan.

Mootummaa seera qabeessa kana deeggaruun diimokraasii itti fufsiisuu fi dhimmoota abdachiisaa ta’an irratti xiyyeeffachuu fi deeggaruun barbaachiisaa ta’uu himan.

Gareen Kaaba biyyaattii keessatti waraana banuun Uummata Naannoolee Amaaraa fi Affaar irratti badii geessisaa jiru kun yaaddessaa ta’uu xalayaa erganiin himaniiru.

Ityoophiyaan Ameerikaafis ta’ee Israa’eeliif michuu jabduu waan taateef waraanni garee shororkeessaa kanaan baname akka dhaabbatuuf ifatti dhiibbaa irraan geessisuu qabdi jedhaniiru.

Dabalatanis Ameerikaan sagalee Ityoophiyaa dhageeffachuun cinaa ishee dhaabbachuu qabdi jechuun Obbo Gaadiin xalayaa barreessaniin gaafataniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment