Ameerikaan Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRIf deeggarsa Doolaara miiliyoona 2.9 laatte

Finfinnee, Fulbaana 19, 2013 (FBC) – Ameerikaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRIf deeggarsa addaddaa Doolaara miiliyoona 2.9 laatte.
Deeggarsicha Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa ministeerichaaf laatera.
Tumsi kun gareewwan shororkeessaa; al shabaab dabalatee ittisuu fi to’achuuf kan ooludha jedheera Ityoophiyaatti Imbaasiin Ameerikaa.
Deeggarsi taasifame hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsu ta’uu imbaasichi beeksisee, tumsi kun kan leenjii fi meeshaalee addaddaati.
Tumsi kunis konkolaattota tajaajila addaddaa, ambulaansii, konkolaattota fe’umsaa, deddeebisa boba’aa, koompiitaroota jiddugala oppireeshinii, agarsiistuuwwan halkanii dabalata.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment