Ameerikaan Raashiyaa waliin waraana bakka bu’iinsaa gaggeessaa jirti- Preezdaantii Raashiyaa duraanii

Finfinnee, Caamsaa 3, 2014 (FBC) – Ameerikaan Raashiyaa waliin waraana bakka bu’iinsaa gaggeessaa jirti jechuun Preezdaantiin Raashiyaa duraanii Diimiitrii Meediveediiv ibsan.

Preezdaantiin biyyattii duraanii kana kan jedhan Manni Maree Ameerikaa Yuukreeniif deeggarsa dabalataa Doolaara biiliyoona 40 raggaasisuu hordofee ta’uu gabaafameera.

Deeggarsi maallaqaa manni marichaa Yuukreeniif raggaasise Raashiyaan waraanaan akka injifatamtuu fi dhiibbaa isheen addunyaarratti qabdu dhabsiisuuf ta’uu Diimiitrii Meediveediiv ergaa gama fuula Telegraamii isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Karoorri Ameerikaa kan hin hojjenne ta’uu kaasuun, Mootummaan Ameerikaa kufaatii diinagdee keessa jiraachuu fi maashiniin Ameerikaan itti maallaqa maxxansitu yeroo gabaabaa keessatti kan cabu ta’uu ibsuusaanii Reauters gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment