Ameerikaan projaktii Ji’ootermaala Tulluu Mooyyeef Doolaara miiliyoona 1.5 deeggarsa laatte

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Ameerikaan projaktii Ji’ootermaala Tulluu Mooyyeef Doolaara miiliyoona 1.5 deeggarsa laatte.

Ameerikaan tumsa Koorporeeshinii Faayinaasii Misoomaa Idil Addunyaan naannoo Oromiyaatti kan gaaggeeffamu projaktii Ji’ootermaala Tulluu Mooyyeef Doolaara miiliyoona 1.5 deeggarsa laatteetti.

projaktii Ji’ootermaala Tulluu Mooyyee wayita xumuramu humna elektirikii meeggaa waatii 50 maddisiisuu danda’a jedhameera.

Koorporeeshinii Faayinaasii Misoomaa Idil Addunyaa projaktichi wayita xumuramu deeggarsa dabalataa akka taasisuu ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment