Ameerikaan naannawaa dhiyeenya Taayiwaanitti sochii waraanaa kan taasiiftu ta’uu beeksiifte

Finfinnee, Adoolessa 29, 2014 (FBC) –Dooniiwwan humna Waraanaa fi Xiyyaaroonni waraanaa Ameerikaa torbeewwan lamaan itti aanan keessa Naannawaa Galaana Taayiwaan kan qubatan ta’uu ‘Waayit Hawuz’ beeksiifteerti.
Dooniwwaan Jeettii waraanaa baatan dabalatee doonniwwan waraanaa biroo haala naannawichaa hordofuuf dhiyeenya Taayiwaan kan qubatan ta’uu Dubbii Himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa Joon Kiirbiin ibsaniiru.
Yaaliin Misaa’eelaa Chaayinaan naannawaa qarqara galaanaa Taayiwaanitti taasiifte tattaaffii galma yeroo dheeraa nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf taasiifamaa turee waliin kan wal faallessuu eeraniiru.
Daawwannaa Af Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota ummaataa Ameerikaa Naansii Peeloosiin tibba darbe Taayiwaanitti taasiisan hordofee Chaayinaan naannawaa Taayiwaanitti shaakala waraanaa taasiisuu eegaluun ishee kan yaadatamuudha.
Kana hordofee yeroo ammaa biyyoota lameen gidduutti muddamni cimaan kan uumame yoo ta’u, Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan Chaayinaarratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka danda’an ibsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antooniyoo Biliikan shaakala waraanaa Chaayinaan naannawaa Taayiwaanitti taasiisaa jirtu balaaleffachuu isaanii RT gabaaseera.
Chaayinaan, Taayiwaan qaama bulchiinsa Chaayinaa ta’uu ishee cimsitee kan amantu ta’uu irra deddeebeen ibsaa kan jirtu yoo ta’uu, imaammata “Chaayinaa tokko” fi “biyya tokko,jedhuun kan qajeelfamtu ta’uus himteerti.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment