Ameerikaan misaa’eeloota Iraan, Israa’el irratti dhukaafte hedduu fashaleessuu ibsite

Finfinnee, Fulbaana 22, 2017 (FBC) –Ameerikaan misaa’eloota hedduu Iraan gara Israa’elitti furguggiste hedduu fashaleessuu beeksifte.

Ameerikaan haala jiru itti dhiyeenyaan akka hordoftuu akkasumas michoota ishee waliin marii gochuu kan itti fuftu ta’uu Dubbii Himaan Humna Raayyaa Ittisaa Ameerikaa Meejer Jeneraal Paatiriik Raayidar himaniiru.

Gocha dubbii barbaacha Iraan raawwatte kana kan balaaleffatan ta’uu eeruu BBCn gabaaseera.

Iraan Misaa’eloota Baalaastikaa180 ol gara Israa’elitti dhukaasuu fi kun kan yeroo kamiiyyuu caalaa haaleellaa cimaa ta’uu Waraanni Israa’eel beeksiiseera.

Misaa’eloonni hedduun fashalaa’uu himeera.

Haleellaa kun faayidaa Iraanii fi lammiilee ishee kabachiisuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Iraan Maasuud Peezeeshikiiyaan ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment