Ameerikaan meeshaalee Chaayinaa dhorka irra keessee turteef eeyyama laachuufi

Finfinnee, Mudde 6, 2015 (FBC) – Ameerikaan meeshaalee Chaayinaa gara biyya ishee akka hin seenne dhorkitee turteef eeyyama laachuuf ta’uu ibsame.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan gita isaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing waliin hojjechuuf fedhii agarsiisuu hordofee dhorkaan kaa’amee ture ka’uuf ta’uu ibsameera.

Murtoon kun dorgommii masaanummaa daldalaa fi Teeknooloojiin biyyoonni kunneen taasiisan kan tasgabbeessuu fi tumsa isaanii kan haaromsu ta’uu eerameera.

Ameerikaan kana dura iccitiiwwan bu’aa teeknoojii Chaayinaaf dhiyeessutu kaayyoo barbaaddameef qofa oolchaa jiraachuu mirkaneessuuf dhaabbilee ishee sakkata’uuf gaaffii dhiyeessitee turte.

Yaa ta’uutiin Beejiing gaaffichaaf iddoo laachuu dhabuu isheen Waashingitan oomishaaleen dhaabbilee Chaayinaa gara biyyattii akka hin seenneef dhorkaa qopheessitee turte.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment