Ameerikaan madda waraanaa ta’uurraa of qusachuu qabdi- Chaayinaa

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015(FBC)- Ameerikaan madda waraanaa addunyaa ta’uurraa of qusachuu qabdi jechuun Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Weenbiin dubbatan.

Dubbii himichi kana kan jedhan Ameerikaan bara warra faranjootaa 1991 irraa eegalee hanga ammaatti dhimmoota keessoo biyyootaan gidduseentummaa waraanaa 251 taasisteetti gabaasni jedhu ifoomuu hordofeeti.

Akka gabaasichaatti Ameerikaan bara faranjootaa 1978 irraa kaasee dhimma keessoo biyyootaarratti gidduseentummaa waraanaa 469 raawwatteetti.

Gabaasicha gaazexeessaan Ameerikaa Beenjaamiin Noortan ragaa Tajaajila Qorannoo Mana Maree Ameerikaa wabeeffachuun ifoomsuu CGTN gabaaseera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Weenbiin, Ameerikaan waggoota 240 darbanitti waggoota 16 qofa gidduseentummaa waraanaa malee dabarsuu eeraniiru.

Ameerikaan waraana hololaa “Koold Waar” booda yeroo torba weerara gaggeessuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment