Ameerikaan kuusaa boba’aashee irraa baarmeela miiliyoona 15 gabaaf dhiyeessuuf ta’uu gabaafame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2015 (FBC)- Ameerikaan kuusaa boba’aashee irraa baarmeela miiliyoona 15 gabaaf dhiyeessuuf ta’uu gabaafameera.

Biyyoonni boba’aa oomishaniifi ergan hanga boba’aa dhiyeessan hir’isuuf waliigaluu hordofee Ameerikaan kuusaa boba’aa isheerraa baarmeela miiliyoona 15 gabaaf dhiyeessuuf ta’uu Pireezidaantiin biyyattii Joo Baayidan beeksisaniiru.

Biyyoonni boba’aa oomishaniifi ergan hanga boba’aa gabaa addunyaaf dhiyeessan guyyaatti baarmeela miiliyoona 2n hir’isuuf waliigaluun isaanii kan yaadatamudha.

Murtoo biyyoota kanneenii hordofee Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan kuusaa boba’aa biyyattiirraa baarmeela miiliyoona 15 gabaaf dhiyeessuuf karoora qabaachuu gabaafameera.

Qoqqobbiin boba’aarra kaa’amuufi qaala’iinsi gatii boba’aa hin tasgabbaa’u taanaan Ameerikaan boba’aa dabalataa gabaaf dhiyeessuu akka dandeessu dubbachuu TRT Woorlid gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment