Ameerikaan Kooriyaa Kibbaafi Jaappaan waliin shaakala loltummaa galaanarraa eegalte

Finfinnee, Bitootessa 26, 2015(FBC)- Ameerikaan Kooriyaa Kibbaafi Jaappaan waliin shaakala loltummaa waloo galaanarraa eegaluu gabaafame.

Shaakalli loltummaa kun Ameerikaan kan hogganamu yoo ta’u, Dooniin guddaa Ameerikaa humna niwukilaraan socho’uufi xiyyaara baachuu danda’u shaakalicharratti bobba’uu RTn gabaaseera.

Doonichi miisaa’ela baalaastikii doonii galaana keessaa Kooriyaa Kaabaarraa itti dhuka’uu danda’u ofirraa qolachuu meeshaalee dandeessisan hunda guuttachuu ibsameera.

Shaakkalli loltummaa kun guyyoota lamaaf odola kibba See’ulitti argamtu Jajuu irratti kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Kooriyaa Kibbaa beeksiseera.

Ajajaan waraanaa Kooriyaa Kibbaa Birgaadeer Jeneraal Kiim Iin Hoon gamasaaniin, haleellaa Kooriyaa Kaabaarraa mudachuu malu gahumsaan qolachuu kan danda’an ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment