Ameerikaan Ityoophiyaaf deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona 331 ol taasiste

Finfinnee, Bitootessa 6, 2015(FBC)- Ministirri Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan Ameerikaan deeggarsa namoomaa Doolaara miiliyoona dhibba 3fi miiliyoona 31 ol Ityoophiyaaf taasisuu ifoomsan.

Deeggarsichi gama Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaafi gama Dhaabbata Gargaarsa Idil Addunyaa Ameerikaan kan taasifamu ta’uu Antoonii Bilinakn ifoomsaniiru.

Deeggarsichi lammiilee sababoota garaagaraan miidhamaniif dhiyeessii nyaataa, qorichaafi bishaan dhugaatiif kan oolu ta’uu eeraniiru.

Deeggarsichi lammiilee sababa walitti bu’iinsaafi hongee miidhamaniif kan oolu ta’uu eeraniiru.

Deeggarsi Doolaara miiliyoona 12 mootummaa biyyattiin, Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3fi miiliyoonni 19 ol ammoo Ejensii Misooma Idil Addunyaa Ameerikaan taasifamuu ibsuusaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment