Finfinnee, Bitootessa 6, 2015(FBC)- Ameerikaan hariiroo yeroo dheeraa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan ibsan.
Antoonii Bilinkan daawwannaa hojii Ityoophiyaatti taasisaa jiran ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitooriyaafi Naayiroobii irratti qaamoleen lameen hojii cimaa hojjechuu akka qaban kaasaniiru.
Nageenya waaraa fiduufis Ce’umsa Haqaa hojiirra oolchuuniifi marii biyyaalessaa gaggeessuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Laykuun Alamtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.