Ameerikaan gargaarsa waraanaa Doolaara miiliyoona 130 Ijiptiif taasiftu dhorkatte

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC) – Ameerikaan gargaarsa waraanaa Doolaara miiliyoona 130 Ijiptiif kennuuf turte akka hafu murtaa’uu Anga’oonni biyyattii ibsan.

Dhiittaan mirga namoomaa hammachaa dhufuu isaa hordofee deeggarsa kana haquu ishee ibsameera.

Falmitoonni mirgaa namoomaa Ijipti akkaataa ulaagaa Mana Maree Ameerikaatiin gargaarsa argachuuf haal-duree guutuu qabdu waan hin guunneef deeggarsa dabalataa Doolaara miiliyoona 300 akka dhabdu dhiibbaa gochaa turaniiru jedhame.

Ijiptiitti ammas hidhamtoota siyaasaarra dararaa cimaa qaqqabsiisaa jiraachuu fi tokko tokko ammoo faanni isaanii dhabamuu falmitoonni kunneen ibsaniiru.

Ameerikaan waggaa waggaan Ijiptiif deeggarsa Doolaara biiliyoona 1.3 kan rammadu ta’uu ragaaleen kan mul’isan ta’uu Rooyitarsi gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment