Ameerikaan Gaazaatti dhukaasni akka dhaabbatu kan hin heeyyamne yoo taate gatii kaffalti – Iraan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Ameerikaan Gaazaatti dhukaasni akka dhaabbatu kan hin heeyyamne yoo taate gatii kan kaffaltu ta’uu Iraan akeekkachiifte.

Teehiraan Waashingitan waldhabdee Baha Giddugaleessaa hammeessaa jirti jechuun himatteerti.

Ameerikaan waraanni Isiraa’eelii fi Gaazaa akka dhaabbatu dhiibbaa taasisuu akka qabdu Ministirri Raayyaa Ittisaa Iraan Mohaammad Reezaa Ashitiiyaaniin hubachiisaaniiru.

Yoo kana hin goone Ameerikaa dubbii balaatu ishee eeggata jedhan.

Waraanni Gaazaa dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasaa jiru akka dhaabbatu gaafataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment